Miidiyaalee dhuunfaan haala Itiyoophiyaan amma keessa jirtu hubachiisuun hojjechuu qabu

130

Sadaasa 2/2014(TOI) - Miidiyaalee dhuunfaan haala Itiyoophiyaan amma keessa jirtu hubachiisuun hojjechuu akka qaban abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa akeekkachiise.

Dhaabbileen miidiyaa daldalaaf hundeeffaman tokko tokko haala biyyattiin amma keessa jirtu akka hin hubatiin abbaan taayitichaa eereera.

Itti aanaan daayiraktara olaanaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Yoonaataan Tasfaayee TOI f waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, midiyaaleeen dhuunfaa baay’een haala Itiyoophiyaan amma keessa jirtu hubatanii hojii kanaaf madaalu hojjetaa hin jiran.

Miidiyaaleen kun kanaan dura hojimaataa fi tooftaa barmaatileen gabaasaa turan keessaa ba’uun rakkoolee yeroo Itiyoophiyaa fi lammiileeshee mudate keessaa baasuuf gabaasaalee ceesisuu danda’u irratti xiyyeeffachuu qabu jedhaniiru.

Miidiyaaleen uummataa irra caalaatti hojii birmadummaa biyyaarratti hojjetaa akka jiran eeranii, miidiyaaleen dhuunfaa biyyaa fi uummatasaaniif akka hojjetan gaafataniiru.

Miidiyaaleen damee bashannanaarratti bobba’anis hojiiwwan aartii tokkummaa biyyaa cimsan dhiyeessuun kaka’umsa lammiilee biyya isaaniif ga’ee isaanii ba’uu qabu.

Biyyi yeroo rakkoo keessa seentu dhaabbileen miidiyaa hojii madaalawaa hojjechuun itti gaafatamummaa dachaa akka qaban obbo Yoonaatan hubachiisaniiru.

Miidiiyaalee alaa bakka bu’uun ogeeyyiin miidiyaa biyya keessatti argaman carraa argatanitti fayyadamanii dhugaa biyyi isaanii qabdu addunyaaf beeksisuu qabu jedhan.

Gaazexeessitoonni miidiyaalee alaa bakka bu’uun hojjetan biyyi waan hunda kan caaltu ta’uu hubatanii hojiiwwan xiinsamuu uummataa, eenyummaa fi seenaa eeganii faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa miidhurratti utuu hirmaatiin itti gaafatamummaa biyyummaa isaanii akka ba’an hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015