''Wal dhageeffachuun qindoofnee naannoo keenya si'aa'inaan haa eegganu''

61

Sadaasa 2/2014 (TOI) - Wal-dhageeffachuunii fi wal gargaarun si'aa'inaan naannoo isaanii eeggachaa jiraachuu dargaggoonni magaalaa Sanbatee himan.

Gochaa biyya diiguu gareen shororkeessaa ABUT kaayyoo godhatee socho'aa jiru fashaleessuuf Itoophiyaanoonni gamtaan qolachaa jiru.

Naannoo Amahaaraa bulichiinisa godina Saba Oromoo magaalaa Sanbateetti dargaggoonni TOI dubbise akka himanitti, naannoo isaanii eeguun, Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruuniifi gara adda waraanatti duuluun humnoota nageenyaaf dawoo ta'aa jiraachuu himaniiru.

Ijaarsa cimaatiin ijaaramanii wal dhaggeeffachuun akkasuma wal gargaarun naannaawwaa isaaanii eeggachaa jiraachuus dargaggoonni kunneen himaniiru.

Raayyaa Ittisa biyyaa fi humnoota nageenya biroofis deeggarsa barbaachisa taasisaafi jiraachus himaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turizimii aanaa Jillee dhummuugaa obbo Jamaal Umar dargaggoonni aanichaa nageenya naannoo isaanii eegudhaan gahee olaanaa bahaa kan jiran ta'uu himaniiru.

Hawaasni aanichaas humnoota nageenyaa waliin ta'uun loote seentotaa fi baandaa keessaa ittisuu hojjechaa kan jiran ta'uu himaniiru.

Hogganaan bulchiinsa godina addaa Saba Oromoo obbo Ahimad Hasan gama isaaniin akka jedhanitti,uummanni gochaa badii gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf ittiin deemuu qolachuuf hawaasni qindaa'ee hojjechaa jira.

Gareen kana ittisuu keessatti kanneen gochaa gootummaa jabaa ta'ee raawwatanis akka jiran himaniiru.

Akka fakkeenyaatti dargaggoonni naannichaa 5 miseensota garee shorkeessitoota kana hedduu ajjeesuun gootummaa aja'ibaa raawwataniiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015