Tamsaasa Kallatti:

Hundeen waraana keessa jirruu waraana rasaasaa utuu hin taanee waraana oduu sobaa ti-Muummicha ministiraa dooktar Abiyi Ahmad

Sadaasa 2/2014(TOI) ‘’Hundeen waraana keessa jirruu waraana rasaasaa utuu hin taanee waraana oduu sobaa ti jechuun muummicha ministiraa Abiyi Ahmad ibsan.

Haala hin barbaachifneen odeeffannoo lammii diinni akka argatu gochuu akka hin qabnee hubachiisanii,’’ hundeen waraana keessa jirruu waraanaa rasaasaa utuu hin taane waraana oduu sobaati’’ jedhan doktar Abiy.

Diinni yoo sobes qaama hin gaafannes ta’es haamilee hin dhorkine akka hin qabne ibsanii, ‘’ akka barbaaddetti sobuu fi piropogaandaa sobaa tamsaasa’’ jechuun ibsaniiru.

‘’Haa ta’u malee mootummaan haala kanaan oduu sobaa tamsaasuu fi piroppogaandaa sobaa dabarsuuf fedhas, eeyyama haamilees hin qabu’’ jedhan.

‘’Mo’amuun seenaa keenya miti ‘’ kan jedhan doktar Abiy, Itiyoophiyaa gara nageenya barbaadnuutti deebisuuf galma godhachuun akka hojjetamu ibsaniiru.

‘’Itiyoophiyaan seena qabeettii taatus waggoota darban 30tti hojiin obbolummaa laaffisu hojjetameera’’jedhan­.

‘’Hojiin hojjetaa jirru Itiyoophiyaa hundee gaariirratti ijaaruuf hojii ijaarsa biyyaa guddaa dha’’, Itiyoophiyaan qormaata hunda darbuun ciminaan dhaabbattee seenaa injiifannooshee kanneen biroo kan barsiiftu akka taatuuf aarsaa baay’ee kaffalaa jirra’’ jechuun ibsuu isaanii odeeffannoon waajjirra ministira muummee mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015