Godina Qellem Wallaggaatti hiriirri balaaleffannaa ABUTfi Shanee geggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Godina Qellem Wallaggaatti hiriirri balaaleffannaa ABUTfi Shanee geggeeffame
Sadaasa 2/2014(TOI) - Godina Qellem Wallaggaatti hiriirri balaaleffannaa ABUTfi Shanee geggeeffamuu isaa biiroon komunikeeshinii biiroo Oromiyaa beeksise.
Jiraattonni Godinichaa hiriira balaaleeffannaa gareen shororkeessaa ABUT wayita aangoorra turetti gocha suukanneessaa uummata irraan ga'aa turuu yaadachiisaniiru.
yeroo ammaa kanas tokkummaa uummata biyyattii balleessuunii fi diiguuf socho'aa waan jiruuf nutis akkuma abbootii keenya kaleessaa aarsaa hunda kaffallee biyya keenya baraaruuf qophii dha" jedhan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Qellem Wallaggaa Obbo Badhaasaa Dhaabaa "Oromoon diina isaaf bitamee jilbeenfatee hin beeku, daangaan Itiyoophiyaas dhiigaa fi lafee lammileesheetiin sararamee eegama’’ jechuun himaniiru.
‘’TPLF uummata Oromoo irraan dararaa hamaa geessisaa ture, ammas faayidaa dhuunfaa isaaf jecha shiraan aangootti deebi'uuf socho'aa waan jiruuf dura dhaabbachuun birmadummaa biyyaa eeguuf hunduu qabsaa'uu qabna" jedhaniiru.
Bulchaan Bulchiinsa Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa sirna hiriira kana irratti ergaa dabarsaniin "Oromoon birmadummaa biyya keenyaa eegsisuuf bakki inni itti dhiiga isaa hin cobsine hin jiru jechuun aarsaa Oromoon lola Aduwaa irratti kaffaluun injifannoo galmeesse akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Ammas tokkummaa keenya cimsuun shira garee Shororkeessitoota TPLF fi Shanee ni fashaleessina kan jedhan obbo Gammachuun, kanaafis ummanni Godina Qellem Wallaggaas gantuu of keessaa baasuun naannoo isaa dammaqinaan eeguu akka qabu akeekkachiisaniiru.
Dabalataan hawaasni naannichaa deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisus dhaamanirru.