Magaalichatti rakkoo addaan ciccituu human elektirikaa furuuf hojiin deebisanii ijaaruu hojjetamaa jiraachuu ibsame

57

Magaalichatti rakkoo addaan ciccituu human elektirikaa furuuf hojiin deebisanii ijaaruu hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 1/ 2014 (TOI) – Magaalaa Finfinnee fi naannawaasheetti rakkoo addaan ciccituu humna elektirikaa furuuf piroojektiin deebisanii ijaaruu fi dandeettii guddisuu Doolaara miiliyoona 85’iin hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa Itoophiyaa beeksiseera.

Piroojektichi magaalota naannawaa Finfinnee raadiyeesii kiilomeetira 50 keessatti argaman keessatti hojiirra ooluu eegaluu ibsameera.

Piroojektichi rakkoo addaan ciccituu humna elektirikaa sababa dulloomuu sararawwan daddabarsa elektirikaan dhufu furuuf hojiirra kan ooludha jedhame.

Piroojektichi dhaabbilee Chaayinaa ‘ Chaayinaa Elektirik Paawor Ekuu’ipment Teekinooloojii fi Chaayinaa Naashinaal Heevii Maashinarii’ jedhamaniin ijaaramaa jiraachuu ibsameera.

Ijaarsa piroojektichaaf baajanni Doolaarri miiliyoonni 85 fi kumni dhibbi 1Baankii Misooma Afrikaa fi Mootummaa Jaappaanirraa liqaan argamuu eerameera.

Ijaarsa Proojektichaa hanga baatii Eebilaa, 2014tti guutumaan guutuutti xumuruuf hojjetaamaa jiraachuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015