Qooda fudhatoonni bu'a qabeessumma labsichaaf hubannoo hawaasaa chimsuu qabu - Hayyoo

57

Onkololeessaa 30/2014(TOI)-Milkaa'ina Labsii yeroo ariifachiisaa mootummaan labse qooda fudhatoonni hubannoo hawaasaa cimsuuf hojjechuu hayyoonnii Seeraa fi saayinsii siyaasaa Yuunivarsiitii Samaraa himan.

Yuunivarsiitiii Samaraatti barsiisaa Seeraa kan ta'an Nuuruu Makuraa akka TOI himanitti gochaa garee shororkeessaa ABUT karaa idileetiin to'achuu waan rakkisaa ta'eef mootummaan labsii yeroo ariifachiisaa labseera.

Erga biyya diiguu garichaa ariitiin to'achuun uummanni gara jiruu naga qabeessaa fi tasgabbii qabutti akka deebi'uuf hojii mootummaa idilee ta'uu qaba jedhaniiru.

Erga nagaa uummataa kana gahumsaan bahuuf labsii yeroo ariifachiisaa baasuun mootummaa fi yeroo isaa kan eeggatedha jedhaniiru.

Labsiin kun biyya diigamuurra baraaruf gahee guddaa kan qabu ta'uu qodaa fudhatoonnii hubannoo hawaasni labsicharratti qabu cimsuuf hojjechuu qabu jedhaniiru.

Yuunivarsiitii Samaaraatti barsiisaa Siivikii kan ta'an obbo Muktaar Xayyib sma isaaniin akka jedhanitti, labsiin yeroo ariifachiisaa bahuun kaayyoo biyya diiguu ABUT qabatee socho'aa jiru yeroo gabaabaatti fashaleessuuf kan gargaarudha.

Paartileen siyaasaa fi miseensoonni isaanii hawaasaaf wa'ee shororkeessichaa fi kaayyoo isaa, eenyumaa isaa fi gochaa isaa irratti hubannoo gahaa kennuu qabu jedhaniiru.

Yuunivarsiitichatti barsisaa Saayinsii siyaasaa kan ta'an Mahaammad Idiris gama isaaniin ABUT bu'uuraalee misoomaa uummataa barbadeessaa jirachuu himaniiru.

Bakkeewwan weeraran qabatetti qabeenya uummataa fi mootummaa saamaa jira. Lammilee nagaa ajjeesuun biyya rakkoorra buuseera.

Rakkoo kana to'achuuf labsiin yeroo ariifachiisaa bahuun barbaachisuu himaniiru.

Labsii kanaan miseensoota garichaa uummatatti.makamee jiru to'achuun gara seeraatti dhiheessuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Rakkoo nageenyaa biyyaa fi uummatarratti aggamamee kana qolachuuf mootummaa qofaarratti dhiisuu osoo hin taanee namni hunduu gaheesaa bahuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015