Tamsaasa Kallatti:

Mariin marsaa 16ffaa ‘’ Gumii balal’’ ‘’ qabsoo uummata Oromoo fi weerara garee shororkeessaa ABUT ‘’ mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.

Onkoloolessa 29/2014(TOI) - Waltajjiin waajjira pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti ‘’Gumii balal’’ jedhamuun qophaa’u ‘’ ‘’Qabsoo uummata Oromoo fi weerara garee shororkeessaa ABUT’’ mata duree jedhuun mariin gaggeeffamaa jira.

Waltajjichatti barreeffama ka’umsa marii kan dhiyeessan obbo Kadir Maammoo Uummanni Oromoo sabaa fi sab-lammoota Itiyoophiyaa hundaa waliin ta’uun garee shororkeessaa ABUT barbadeessuuf ga’ee olaanaa gumaachaa jira.

Gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf karoorfatee ka’uu isaa eeranii, kanaaf Itiyoophiyaanonni tokkummaan ka’uun garee shororkeessichaa barbadeessuuf hojjechuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Uummanni Oromoo tokkummaa fi ijaarsa biyyaaf ga’ee olaanaa ba’aa jiraachuu isaa kan ibsan obbo Kadir, haaluma kanaan itti fufuu akka qabu eeraniiru.

Marii kanarratti hawaasni garaagaraa, bakka bu’oonnii fi keessummoonni waamichi taasifameef irratti hirmaataa jiru.

‘’Gumiin balal’’ bara 2013 A.LI waajjira pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatiin kan jalqabame yoo ta’u, waltajjii marii mata dureewwan dhimmoonni garaagaraa itti gaggeeffamu dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015