Kabajaan Gootota Itoophiyaaf jecha kufaniif haa ta'u!

101

Onkololeessa 24/2014 (TOI)- Guyyaan yaadannoo haleella duubaan gareen shororkeessaa ABUT Raayyaa Ittisa biyyaa Iizii kaabaarratti raawwate waggaa 1ffaan mata duree ''yoom iyyuu hin irraanfadhu anis raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaati" jedhuun kabajamaa jira.

Mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaatti sirna yaadannoo geggeeffame kanarratti ministirri muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad , Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa dooktar Abirahaam Balaay, Itamaajoor shuumii Raayyaa Ittisa biyyaa Jeneraal Biraanuu Juulaafi itti aanaa Itamaajoor shuumii Jeneraala Ababaawu Taaddasaa fi hoggantoonni raayyaa ittisa biyyaa biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015