Kabajni gootoota Itoophiyaaf jecha wareegamaniif yaa ta'u - Ministira Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Kabajni gootoota Itoophiyaaf jecha wareegamaniif yaa ta'u - Ministira Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 24/2014 (TOI)- Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad Onkololeessa 24, guyyaa gootoonni Raayyaa Ittisaa Ajeja Kaabaa itti wareegaman sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru.
Kabajni gootoota Itoophiyaaf jecha wareegamaniif yaa ta'u jedhan.
Itoophiyaan biyya gootootaati jedhan Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Itoophiyaan biyya ijjoolleen ishee onneen daangaa ishee ijaaran,gatii kaaffaluun kabaja kan laataniif, wareegama lakkaawwamee hin dhumneen biyya sodaattamtee fi kabajamtee jiraattudha jedhan.
Onkololeessa 24 yakkii fi gantummaan gootoota isheerratti raawwatame seenaa keessatti goonkuma kan dagatamuu miti jedhaniiru.
Tokkoon tokkoon keenya dirqama gootummaa qabna.
Gootoota nuuf jedhanii Lafee isaanii caccabsaniin har'a geenye jirra jedhan.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!