Namoonni meeshaa waraanaa qabanii utuu hin galmeessisiin jiran guyyaa lama keessatti akka galmeessisan gaafatame

74

Onkoloolessa 23/2014(TOI) - Finfinneetti namoonni meeshaa waraanaa qabaatanii utuu hin galmeessisiin jiran guyyaa lama keessatti akka galmeessisan itti hoogganaan biiroo nageenyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Qana’aa Yaadataa akeekkachiisan.

Doktar Qana’aa Yaadataa haala waqtaawaa nageenyaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee waliiwaliin gurmaa’anii naannoo isaanii akka eegan eeyyamameera jedhan.

Gurmii kanaan dhaabbilee nageenyaa waliin wal hubataa naannoo isaa to’achuu akka qabu ibsaniiru.

Haalli nageenyaa magaalaa Finfinnee nagaa ta’us, qaamooleen rakkoo uuman to’anno jala oolaa akka jiran himaniiru.

Qaamoleen nageenyaa Poolisii fi ittisaa biiroo nageenyaa godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee waliin hojjetaa akka jiran eeraniiru.

Meeshaa waraanaa ilaalchisee namoonni seera qabeessas ta’e kan hin galmeessifne guyyoota lama keessatti galmeessisuu qabu jechuun akeekkachiisaniiru.

Meeshaan waraanaa kun mootummaan kan beekuu fi seera qabeessa yoo ta’e ofiisaa naannoo isaa akka eegsisan taasifama jedhaniiru.

Qaamoleen meeshaa waraanaa qaban naannoo isaanii eeguu kan hin dandeenye yoo ta’e, nama dhiyoo isaaniif ta’uu, ykn mootummaatti adaraan kennuun akka ittiin eegamu taasifama jechuun himaniiru.

Nageenya magaalaa Finfinnee kabachiisuuf manneen garagaraa fi bakkeewwan manneen daldalaatti sakatta’insi akka taasifamu eeranii, kanaaf uummanni akka gargaaru gaafataniiru doktar Qana’aa Yaadataa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015