Adaamaatti namoonni hadiida Baaburaa birrii kuma 490 baasu hatan adabaman. - ENA Afaan Oromoo
Adaamaatti namoonni hadiida Baaburaa birrii kuma 490 baasu hatan adabaman.

Onkololeessa 17/2014 (TOI) - Magaalaa Adaamaatti namoonni hadiida baaburaa birrii kuma 490 baasu hatan hidhaa fi maallaqaan adabamuu Poolisiin magaalichaa beeksise.
Qajeelcha Poolisii magaalaa Adaamaatti ogeettiin qunnamtii uummataa Inspeektar Warqineesh Galmeechaa akka TOI himanitti hanni kun kan raawwatamee magaalaa Adaamaa bakka Keella jedhamuttidha jedhameera.
Himatamtoonni Rediwaan Ahimad fi Zariyee Xurunee jedhaman Hagayyaa 21/2013 haadida baaburaa moofaa Biloonii isaa hiikuun haadiida baaburaa 250 haatuun isaanii irratti mirkanaa'eera.
Haadiida baabura hatan kanas osoo konkolaataan fe'anii dhokachuuf jiranii harkaafii harkatti qabaman jedhameera.
Manni murtii aanaa addaa Adaamaa ragaa poolisii fi abbaan halangaa dhiihessee gama hundaan ilaaluun dhaadacha har'a ooleen himatamtoonni kun tokkoon tokkoon isaanii addabbi cimaa waggaa 4 fi birrii kuma 8 akka adabaman murteessuu isaa Inspeektar Warqineesh Galmeechaa himaniiru.