Itoophiyaan hojii Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii biyyatiitti hojjechaa jiru deegarsa ishee cimsitee itti fufti.

46

Onkololeessa 17/2014 (TOI)- Itoophiyaan hojii hedduu Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii biyyatiitti hojjechaa jiru deeggarsa ishee cimsitee itti fufti jedhan Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin.

Obbo Dammaqaa Mokonniin kan kana dubbatan guyyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii sababeeffachuun sirna magaalaa Finfinneetti qopheesse irratti haasaa taasisaniin.

Haasa isaaniinis Itoophiyaan duudhalee dhaabbata mootummoota gamtoomanii ni hoogganamti.

Hojii dhaabbatichi Itoophiyaa keessatti hojjetu akka milkaa'uuf deeggarsa barbaachisu kan taasiftufi milka'ina hojjichaaf kan hojjettu ta'uu himaniiru.

Gama biraan haala waqtaawwaa biyyaa ilaalichisee Dhaabbatichi hubannoo gahaa akka argatu hojjetameera. Dhaabbatichis kana hubachuun haala qabatamaa biyyaa hubachuun deeggarsa barbaachisaa ni taasisa jedhanii akka abdatan himaniiru.

Itoophiyaan hundeessituu akka taatetti hojii jijjiramaa dhaabbatichi hojjetu akka milkaa'uu gahee isheerraa eegamtu ni baatis jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015