Argisiifni daldala Chaayinaa 4ffaan gurgurtaa buna Itiyoophiyaaf carra bal’aa fidee dhufeera - ENA Afaan Oromoo
Argisiifni daldala Chaayinaa 4ffaan gurgurtaa buna Itiyoophiyaaf carra bal’aa fidee dhufeera

Onkoloolessa 16/2014(TOI0 Argisiifni daldala Chaayinaa 4ffaan gurgurtaa buna Itiyoophiyaaf carra bal’aa fidee dhufuun isaa ibsame.
Itiyoophiyaatti hojigaggeessaan oomishaa fi ergaan bunaa Qarcaanshee obbo Israa’el Dagafaa turtii zinuwaa waliin taasisaniin, dhaabbanni isaanii argisiisicharratti hirmaachuun buna Itiyoophiaa dhamdhama addaa fi qulqullina qabu akka beeksisan ibsaniiru.
‘’Argisiifni daldalichaa guddataa kan dhufe walitti dhufeenya gurgurtaa Itiyoo-Chaayinaa caalaatti cimsuuf ga’ee olaanaa qaba’’ jedhaniiru.
‘’Qaamolee gurgurtaa olaanaa raawwatan waliin walitti dhufuuf abbootiin qabeenyaa Chaayinaa damee kanaa garaagarummaa buna Itiyoophiyaa kanneen biroorraa beeksisuuf argisiifni daldalichaa murteessaa dha’’ jechuun ibsaniiru.
Kanaan ‘’argisiifni daldala Chaayinaa 4ffaan gurgurtaa buna Itiyoophiyaaf carra bal’aa fidee dhufeera’’ jechuun obbo Israa’el eeraniiru.
Akka odeeffannoo abbaan taayitaa bunaa fi Shayii Itiyoophiyaa Hagayya / 15 / 2013 A.L.I ibsutti buna Itiyoophiyaa olaanaan kan bitan biyyoota kudhan keessaa Chaayinaan tokko dha.
Argisiifni daldala Chaayinaa 4ffaan biyya Chaayinaa kutaa Shaangaayi kan adeemsifamu yoo ta’u, buna dabalatee dhaabbileen daldalaa idil addunyaa damee kanarratti bobba’an ni hirmaatu jedhamee eegama.