Vaaleenshiyaatti Atileet Latasanbat Gidey rikoordii haaraa galmeessifte.

89

Onkololeessa 14/2014(TOI)- Maaraatoonii walakkaa Vaaleenshiyaan Atileet Latasanbat Gidey daqiiqaa 62:49 xumuruun rikoordii haaraa galmeessifte.

Maaraatoonii walakkaa har'a Ispeen magaalaa Vaaleenshiyaatti fiigameen Latasanbat Gidey Rikoordii haaraa galmeessifteetti.

Latasanbat fageenyicha Daqiiqaa 62:52 fiigdee xumuruun rikoordii kana dura Atileetii Itiyoophiyaa biraa Ye'alemzarfiin qabamee ture fooyyeessite.

Atileet Latasanbat Giday fageenya meetira kuma 5 , Kuma 10 fi kiiloo meetira 15 kanan dura rikoordii galmeessifte turte.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015