Ayyaana hundeeffama waggaa 29ffaa ODP sababeeffachuun Jimmatti egzibiishiniin fi Baazaariin baname

86

Jimmaa Bitootessa 20/2011 Paartii demokiraasummaa Oromoo /ODP/ waggaa hundeeffama 29ffaa sababeeffachuun Intarpiraayizoota Maaykiroo Xixiqqaa moodelii ta'aniin egzibiishinii fi baazaariin magaalaa Jimmaatti baname.

Egzibiishinii fi Baazaarii guyyoota sadiif akka turu himame kun anga'oonni mootummaa fi abbootiin Gadaa iddoo argamanitti banameera.

Dargaggoota baazaarii kana irratti hirmaachaa jiran keessaa tokko kan ta'e dargaggoo Kaasaahuun Tasfaayee yaadda kenneen baazaariin kun meeshaa keenya haala gaariin akka gurgurannu nu taasisa jedheera.

"Meeshaa Karanbullaa ittiin taphatanii fi bocoota adda addaa dhiyeesinee jirra" kan jedhe dargaggoo Kaasaahuun meeshaa Karanbuullaa ittiin taphatan Finfinnee irraa dhufu hambisuuf hojjachaa jirachuu isaaniis himeera.

Dargaggoon Nuuruu Shifaa gama isaatiin yeroo ammaa dargaggoo hedduun hojii misoomaa irra dhimma siyaasaaf dursa laataa akka jiran dubbateera.

Egzibiishinii fi Baazaariin ayyaana hundeeffama waggaa 29ffaa ODP sababeeffachuun  amma magaalaa Jimmaatti baname kun dargagoonni hojii misoomaaf dursa akka laatan kan taasisu ta'uus himeejira.

"Anis kaka'umsa amma argame kanatti fayyadamuun hiyuuma keessaa ba'uuf naan hojjadha" jechuun yadda isaa kan kenne dargaggoon Nuuruu.  

Itti gaafatamaan Liigii dargaggoota magaalaa Jimmaa dargaggoo Abdoo Aqiib yadda kenneen egzibiishinii fi Baazaariin  ayyaana hundeeffama waggaa 29ffaa ODP sababeeffachuun  baname kun dargaggoonni oomisha isaanii akka beeksisaniif carraa kan banu ta'uu dubbateera.

Egzibiishinii fi Baazaarii kana maddiittis marriin taasifamu dargaggoonni yadda isaanii akka wal jijjiiraan kan taasisuufi misoomatti akka jabaataniif yadda deeggarsaa kan itti argatanidha jedheera.

Sagaanticha irraatti oomishawwan adda adda kan akka uffata, meeshaalee manaa, oomishonni qonnaa akkasumas meshaaleen qulqullina ittiin eeggatanii fi kan biroon dhiyaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015