Tamsaasa Kallatti:

Warshaan Bishaan Amboo birrii miiliyoona 5iin mana barnootaa ijaaruufi

Ambo Bitootessa 19/2011 Warshaan Bishaan Amboo tajaajila hawaasummaatiif mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa ijaaruuf karoorfachuu isaa beeksise.

Magaala Amboo iddoo Sanqaalee jedhamutti ijaarsa mana barumsaatiif dhagaan bu'uuraa kaa'amee jira.

Hojii gaggeessaan warshaa bishaan Amboo obbo Dassaalany Makonnin akka jedhanitti, manni barnootichaa abbaa darbii 1 yammuu ta'u, kutaa 12 kan of kessaa qabu dha.

Birriin miiliyoona 5 kan rammadameef ijaarsi mana barnootaa kun baatii 18 keessatti ijaarramee kan xumuramu yammuu ta'u, daa'imman 1200 carraa barnootaa akka banu itti abdatameera.  

Warshichi prorjaktoota faayidaa hawaasaa laatan 9 karoorfatee hojjechaa jiru keessaa  isaa tokko dha jedhan hoji gaggeessaan warshichaa obbo Dassaalany Mokonnin.

Jiraattoota naannawa sanaa keessaa obbo Abdii Mul'isaa yadda kennaniin naannawa sanatti manni barnootaa akka ijaaramuuf gaaffachaa turuu isaanii eeraniiru.

Wayita amma manni barumsaa ijaaramuuf karoorfamuutti gamadduu isaaniis dubbataniiru.

Barsiisaan Balaachoo Daanyee gama isaaniitiin manni barnootaa ijaaramu kun dhiphina daree barnootaa ture guutummaa guutuutti kan furudha jedhaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuufis akka gargaaru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015