Ayyaanni Moolidaa waggaa 1496ffaan Wiixata dhufu kabajama.

87

Finfinnee, Onkololeessa 6/2014(TOI) - Ayyaanni moolidaa waggaa 1496ffaan Wiixata dhufu kan kabajamu ta'uu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa waliigalaa Itoophiyaa beeksise.

Manni marichaa ibsa har’a miidiyaaleef kenneen ayyaanni Moolidaa Wixata dhufu akka kabajamu ibseera.

Pireezdaantiin mana maree dhimmoota Islaamummaa waliigalaa Itoophiyaa Muftii Haaji Umar Idriis,kabaja ayyaannichaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanicha wayita kabajnu hojiilee gaggaarii Nabiyyuu Mahaammad hojjatan yaadachaa ta’uu qabaa jedhan.

Hordoftoonni amantii Islaamaa rakkaataa gargaaruun kabajuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Lammiilee qa'ee fi qabeenya isaanirrra buqqa'uun rakkoo keessa jiran yaadachuun murteessaa ta'uu kaasaniiru.

Ayyaanni moolidaa ayyaana nagaa,jaalalaa, fi tokkummaa akka ta'uu hawwii qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015