Wabii nyaataa mirkaneessuu fi humna of danda'uu biyyattii cimsuuf kutannoodhaan hojjechuun cimee itti fufna - Dooktar Abiy Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Wabii nyaataa mirkaneessuu fi humna of danda'uu biyyattii cimsuuf kutannoodhaan hojjechuun cimee itti fufna - Dooktar Abiy Ahimad
60
Finfinnee, Onkololeessa 5/2014 (TOI)- Oomishni midhaanii bara kana Naannoo Somaaleetti argame kan baay'ee abdii namatti horudha jedhan Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin, guutummaa Itoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi humna of danda'uu biyyattii cimsuuf kutannoodhaan hojjechuun cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru .