Cuunfaa ‘'Ceres 100% Fruit Juice' ’ jedhamu keessatti keemikaalli summaa’aa kan nama miidhu argame

80

Onkolooleessa 04/2014(TOI)-Cuunfaa ‘'Ceres 100% Fruit Juice' ’ jedhamu keessatti keemikaalli summaa’aa kan nama miidhu waan argameef oomishicha hawaasinni akka hin fayyadamne Abbaan Taayitaa Qorichaa fi Nyaataa Ioophiyaa hubachiise.

Keemikaalli summaa’aan ‘’Maayikootookisiin’’ jedhamu kuduraa fi muduraa irratti mul’atu cuunfaa kana keessatti waan argameef hawaasichi bituun itti fayyadamuu akka hin qabne Abbaan Taayitichi beeksiseera.

Oomishni kun akka faayidaa irra hin oollee dhaabbanni nageenya nyaataa idil-addunyaa sadarkaa idil-addunyaatti kan akeekkachiisera.

Haaluma wal fakkaatuun Afrikaa Kibbaatti kan argamu dhaabbanni oomisha ‘'Ceres 100% Fruit Juice' ’oomisha isaa keessatti keemikaalli summaa’aan ‘’Maayikootookisiin’’ jedhamu argamuun waan mirkanaa’eef oomishicha fayyadamuu irraa of qusachuun barbaachisaa ta’uu himeera.

Biyyaa keenya keessattis oomishni kun kan argamu waan ta’eef hawaasni kana hubachuun fayyadamuu oomisha kana fayyadamuu akka dhiisu abbaan Taayitaa nyaata Itoophiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015