Gareen Shororkeessaa Shanee fi deeggartoonni badii isaa Wallaggaa bahaa aanaa Kiramuutti haleellaan raawwatan sabaafi saba walitti buusuufi.

114

Onkolooleessa 04/2014 (TOI)- Gareen Shororkeessaa Shanee fi deeggartoonni badii isaa Wallaggaa bahaa aanaa Kiramuutti haleellaan raawwatan sabaafi saba walitti buusuuf yaadamee akka ta'e Komishiiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Mootummaan naannichaa Shanee haga dhumaatti balleessuuf hojii add addaa hojjechaa jiraachuu himameera.

Komishiinii Poolisii Oromiyaatti Itti aanaa Komishineeraa fi hogganaa damee kominikeeshiinii gargaara Komishineera Geetaachoo Ittaanaa kana ilaalichisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa kanaanis akka jedhanitti gareen shororkeessaa Shanee fi deeggartoonni badii isaa Fulbaana 30/2014 Wallaggaa bahaa aanaa Kiraamuu magaalaa baadiyaa keessatti argamu kan Haroo Addis jedhamtuutti miidhaa geesiseera.

Miseensoa shanee haleella kana raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuuf akkasumas rkkicha dhaabbataan furuuf hojiiwwan adda ddda ojjetamaa jiraachuu gargaara Komishineera Geetaachoo Ittaanaa himaniiru.

Gargaaraa Komishineeraa Geetaachoon akka himanitti guyyicha kanneen haleella kana raawwatan walitti bu'isa sabaa fi sabaa uumufidha.

Tarkaanfii garee shorkeessaa kanarratti fudhatameenis miseensoonni isaanii ajjefamuus himaniiru.

Yeroo ammaa kanneen qe'ee isaaniirra buqqa'an magaalaa Kiramuu akka qubatanii jiran himuun gara qe'ee isaanitti deebisuuf hojjetamaa jiraachus himaniiru.

Garee shororkeessaa Godina Horroo Guduruu keessa socho'u irratti tarkaafiin cimaan fudhatamaa jiraachuu gargaaraa Komishineera Geetaachoo Ittaanaa himaniiru.

Gama biraan haleella Magaalaa Harootti ta'e irratti saboonni adda addaa kan miidhaman ta'us miidiyaaleen tokko tokko akka waan saba tokko qofaarratti raawwatamee taasisanii dhiheessuun sirrii mitis jedhaniiru.

Miidiyaaleen yeroo hundaa odeeffannoo sirri kanneen dhimmi ilaallaturraa qofa adda baafachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Qaamoleen nageenyaa naannichaa nageenya uummataa eeguuf aarsaa barbaachisu hundaa baasaa akka jiranis himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015