Dippilomaasii Dijitaalaa fi Idilee walfaana qindeessuun hojjechuuf xiyyeeffannoon kennameera.

60

Onkolooleessa 4/2014 (TOI) Dippilomaasii Dijitaalaa fi Idilee walfaana qindeessuun hojjechuun hojii dippilomaasii milkaa'aa hojjechuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministeerri dhimma alaa beeksise.

Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, Ministeerichi yeroo dippilomaasii dijitaala haalaa fayyaduumuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Keessattu Dippilomaasii dijitaalaa fi idilee waliin qindeessuun haala yeroo waliin kan wal simuu dippilomaasii ariifatafi bu'aarratti hundaa'e hojjechuuf xiyyeeffannoon itti deemamaa jira jedhaniiru.

Kanaafis dippiloomatootaf leenjiin dippilomaasii dijitaalaa fi idilee waliin akka itti fufaniif leenjiin kennamafii jiraachuu himaniiru.

Daarektarri Ejensii tajaajila nageenya odeeffannoo Dooktar Shumatee Gizawu Dippilomaatooni dippilomaasi dijitalaatti dafanii dabalamuu qabu jedhaniiru.

Dippilomaasiin Dijitaalaa baasii kan qusatu, Itti fayyadamni isaa kan karaa salphaan ittiin ergaa qaqqabsiifatan waan ta'eef gabbifamuu qaba jedhaniiru.

Kanaanis egama Ministeerichaa karaa sirriin galmaan gahuuf itti fayyadama isaa sirritti beekuu fi ergawwan darban karaa sirri qindeessuu akka barbaachisu himaniiru.

Kama biraan immoo nageenyummaan Dippilomaasii dijitaala haleella Saayibariif akka hin saaxilamne ofeeggannoon taasifamuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015