Komishinar Lalisee Namee Itoophiyaatti Ambaasaaddara Baangilaadish waliin mari’atan

63

Finfinnee, Onkololeessa 4/2014 (TOI) – Komishinarri Komishinii Invastimentii Itoophiyaa Lalisee Namee Itoophiyaatti Ambaasaaddara Baangilaadish Nazruul Islaam waliin dhimmoota garaagaraa irratti mari’achuu ibsame.

Hariiroo invastimentii biyyoota lameenii haala cimsuun danda’amurratti fi filannoo akkasumas carraawwan invastimentii abbootiin qabeenyaa Baangilaadish hirmaachuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Dabalataanis hojii beeksisa carraawwan invastimentii Ityoophiyaa qabdu irratti waliin akka hojjetan mari’achuu ragaan komishinicharraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015