Meeshaleen Kontiroobaandii birrii kuma 600 baasaan to'annoo jala oolan.

58

Onkoloolessa 3/2014 (TOI)- Konkolaataa fe'umsaan osoo daddabarfamaa jiruu meeshaleen kontirobaandii birrii kuma 600 baasuu to'atamuu Komishiinii Gumurukaa Itoophiya damee Hawaasaatti buufanni to'annoo Cuucee beeksise.

Meeshichi kan toa'nnoo jala oole Bulee Horaa irraa fe'amee osoo gara Dillaatti konkolaataa fe'umsaa FSR jedhamuu imaachifamaa jiruu ta'uu qindeessaansan ta'annoo buufaticha Komaader Caalaa Bulchaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru.

Kanaanis uffanni boondaan 60 kan ulfaatina kilogiraama 5400 qabu to'atamu himaniiru.

Konkolachisaan meeshichaa imaalichisaa ture ture yeroof kan miliqe ta'us to'achuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Buufanni gumuruukaa kun yeroo adda addaatti uummata waliin walii galee hojjechuun waggaa tokko keessatti Konkolaachiftoota meeshalee Kontiroobaandii daddabarsaan 100 to'atee seeratti dhiheesuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015