Dhaabbata qaamoleen iccitii garee ABUT saaxilaan hundi itti wareegaman

97

Finfinnee, Onkoloolessa 2/2014 (TOI) - Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomani Itoophiyaarratti dhiibbaa hin mallee uumuuf waltajjii mana maree nageenyaa irra deeddeebiin gaggeesseera.

Waltajjiwwan kanneeniin biyyoonni Itoophiyaa yakkamtuu taasisuuf gaaffii dhiyeessan akkasumas biyyoonni haqaa Itoophiyaa hubataan immoo dhimma biyyatti gidduu seenuun dhiibbaa uumuun akka hin barbaachisnee yaalii mormii taasisaaniiru.

Yaa ta’uti Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi biyyoonni dhihaa tokko tokkoo badii gareen Shororkeessaa ABUT miidhaa Itoophiyaarraan gahaa jiru dhoksuun mootummaa yakkamaa taasisuuf dhama’aa jiru.

Mootummaa humnoonni sababa deeggarsa namoomaatiin dhimma Itoophiyaa keessaa galuuf socho’aan dhimmicharra akka of qusataan irraa deddeebiin akeekkachisuus tattaaffiin giddugaltummaa isaaniis dabalaa dhufeera.

Keessaattu erga mootummaan Itoophiyaa hojjettoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma keessoo biyyaa keessa seenaan 7 biyyatti gadi lakkisanii akka ba’aan tarkaanfii fudhatee as barreessaa olaanaa dhaabbaticha dabalatee hedduu isaanii kan naasisee fi sobaan Itoophiyaa yakkamtuu taasisuuf tattaaffiin godhaan akka cimsaan taasiseera.

Itoophiyaatti itti gaafatamtuun ejensii goodantootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Maahuuriin Achiing tibbana gaaffii fi deebii taasisaan hordofee maqaa boqonnaa bulchiinsaatin yaamamuun isaanii agarsiistudha.

Itti gaafatamtuttiin gaaffii fi deebii taasisaniin eenyumma sirrii garee shororkeessaa ABUT ifoomasanii turan.

Maahuuriin Achiing Itoophiyaatii waamamuun isaanii xalayaan ibsu qaqqabuu AAFP gabaaseera.Ka’umsi murtoo kana Maahuriin Achiing dhugaa Itoophiyaa qabachuun barreeffamoota garagaraa baasuun mormuusaaniitinii.

Af gaaffichaan Itoophiyaa haala ifoomsuun shira garee shororkeessaa ABUT addabaabaayiitti baasaniiru.

Daayreektarri olaanaa ejensii goodantootaa Antooniyaa Viitoorinoo yaada Achiing Itoophiyaarratti laatan Dhaabbaticha bakka kan hin buunee ta’uu ibsuun, duudhaa fi hoji mata dhaabbatichaa kan darbe ta’uu himaniiru.

Ejjeennoo daayrektarichaas itti gaafatamaan naannawaaa ejensichaa Mohaamad Abdikaaris cimsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015