Barreessaa olaanaan IGAD dooktar Warqinee Gabayyoo Finfinnee galan

65

Fulbaana 23/2014(TOI) Barreessaa olaanaan IGAD dooktar Warqineh Gabayyoo sirna hundeeffama mootummaa federaalaa boru gaggeeffamu irratti argamuuf Finfinnee galaniiru.

Doktar Warqineen buufata xayyaaraa idil addunyaa Boolee yeroo ga’an deetaan ministira dhimmi alaa ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoo simataniiru.

Filannoo waliigalaa biyyoolessaan paartiin badhaadhinaa mo’achuun isaa kan beekamu yoo ta’u, haaluma kanaan keessummoonni garaagaraa hundeeffama mootummaarraatti argamuuf Itiyoophiyaa seenuu eegalaniiru.

Doktar Warqineen Sadaasa 2013 A.L.I irraa eegalanii barreessaa olaanaa IGAD ta’anii tajaajilaa kan jiran yoo ta’u, komishinar jeneraala poolisii federaalaa, ministira geejjibaa, ministira biyya alaa dabalatee mana hojii mootummaatti hooggantummaa olaanaan tajaajilaa turuun isaanii ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015