Yuunivarsiitichi deeggarsa hirkoo qaamaa fi daakuu nyaataa qaama miidhamtootaaf taasise

Goobbaa Fulbaana 21/2014/TOI/---Yuunivarsiitiin Madda walaabuu deeggarsa hirkoo qaamaa fi daakuu nyaataa qaama miidhamtoota aanaalee godina Baalee gara garaatiif taasise.

Deeggarsi Yuunivarsiitichi taasise qaamuma hojii tajaajila lammummaa yeroo gannaa kan sadarkaa biyyaatti hojjachuuf karoorfamee tahuunis ibsameera.

Deeggarsi  qaama miidhamtootaaf taasifame hirkoo qaamaa,kophee akaakuu gara garaa fi daakuu nyaataa tahuunis barameera.

Deeggarsa meeshaalee hirkoo qaamaa, qaama miidhamtootaaf taasifame keessatti gaheen Wiirtuu haaromsa Asallaa ol’aanaa tahuunis ibsamee jira.

Sagantaa deeggarsa qaama miidhamtootaa kanarratti argamuun haasawa kan taasisan I/A Pirezidaantii Qorannoo, tajaajila hawaasaa fi cehumsa teeknooloojii Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Doktor Hasan Shifaa akka jedhanitti Yuunivarsiitichi sirna baruu fi barsiisuu cinaatti hojiilee tajaajila hawaasaa qorannoo bu’ura godhatan geeggessuu irratti argama jedhan.

Kenni deeggarsa hirkoo qaamaa fi daakuun midhaanii qaama miidhamtoota aanaalee godinichaa gara garaa irraa calalamanii agarsiiftuu carraaqqii kanaati jedhan.

Akka Doktor Hasan jedhanitti Yuunivarsiitichi hojiilee kenna tajaajila lamummaa sadarkaa biyyaatti karoorfame akka galma gahuuf hojiilee tajaajila hawaasaa kan suphaa fi ijaarsa manaa harka qalleeyyii magaalaa Roobees hojii fakkeenyumaan ibsaman tahuu eeran.

Qonnaan bulaan beekumsa qonnaa qorattoota yuunivarsiiticharraa argatuun hojimaata kilaastaraatiin sanyii filatamaa ooyruu ofiirratti akka baay’isuuf deeggarsi ogummaa taasifamaa jirus galma gahiinsa hojii tajaajila lamummaatiif shoora ol’aana baha jedhan.

Deegarsi meeshaalee hirkoo qaamaa fi wiilcheerii qaama miidhamtootaaf taasifamee keessatti gaheen wiirtuu haaromsa Asallaa ol’aanaa fi kan fakkeenyumaan ibsamuu tahuus Dr. Hasan himanii jiru.

I/A Pirezidaantii dhimmoota baruu fi barsiisuu fi bakka bu’aan Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa Doktor Bazzaabbih Wandimmuu gama isaaniitiin Yuunivarsiitichi barnoota qulqullina qabu kennuun lammii ijaarsa biyyaa keessatti gahee ofii bahatu horachuu keessatti gahee ofii bahachaa jira jedhan.

Yuunivarsiitichi hojii idilee sirna barnootaa geeggeessuun cinaatti tajaajila lamummaa hawaasa naannoo yuunivarsiitii fi godinaalee ollaa jiran jiddu galeessa godhate hojjachuu irratti kan argamu tahuus eeran.

Deeggarsi hirkoo qaamaa fi akaakuu gara garaa taasifames qaamuma tattaaffii kanaa fi rakkoof gaaffii hawaasa naannoo bu’ura godhate tahuus eeran.

Hoji geeggessaan Wiirtuu Haaromsa Asallaa obbo Xaafaa Daadhii gama isaaniitiin wiirtuun isaanii qaama miidhamtoota godinaalee Oromiyaa keessa jiraniif hirkoo qaamaa, qaama nam-tolchee fi kiraanchii dhiheessuun jireenya isaanii mijeessuu irratti qooda ofii bahaa jiraachuu himan.

Deeggarsi kiraanchii fi wiilcheerii 157 qaama miidhamtoota aanaalee godina Baalee keessaa calalamaniif qindoomina Yuunivarsiitii Madda Walaabuu waliin taasifames agarsiiftuu carraaqqii kanaati jedhan.

Qaama miidhamtoonni deeggarsi taasifameef gama isaaniitiin deeggarsi Yuunivarsiitiin Madda walaabuu qooda fudhattoota biroo waliin taasise bakkarra bakkatti socho’uun jireenya idilee akka geeggefannuuf nu qarqaara waan taheef warra nudeeggare ni galateeffanna jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015