Foramiin Irreechaa 3ffaa Adeemsifamaa Jira

60

Fulbaana 21/2014/TOI/--- Sirna Gadaa Oromoo keessaa tokko kan ta’e Foramiin nageenyaa Irreechaa Sharaaten Addisitti adeemsifamaa jira.

Sirna Gadaa fi duudhaalee Ireechaa ilaalchisee foramii kanarraatti waraqaaleen qu’annoo addaddaa dhihaatanii irratti ni mari’atama.

Hooggantoonni olaanoo mootummaa Federaalaa fi naannolee Irreecha ilaalchisuun ergaa ni dabarsu.

Pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee, ministirri aadaa fi turizimii federaalaa duraanii doktor Hiruut Kaasaawu, namoota  beekamoo, abbootiin Gadaa fi haadholiin Siinqee  dabalatee keessummoonni baay’een foramii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015