Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti, kabaja ayyaana Irreecha Hora Finfinnee ilaachisuun maria’atamaa jira.

68

Finfinnee,Fulbaana 19/2014(TOI)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti, kabaja ayyaana Irreecha Hora Finfinnee ilaachisuun maria’atamaa jira.

Marii kanarratti abbootiin Gadaa, haadha siinqee, hojjettoonni dhaabbilee garagaraa bulchiinsa magaalichaa fi qaamooleen hawasaa hirmaachaa jiru.

Saganticharratti barreeffamani Irreecha ilaalchise hayyootaan qophaa'e dhihaachuun irratti mari’atama jedhameera.

Maricharratti, Itti gaafatamaa Itti aanaan Paaartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee obbo Alamaayyahu Ijjiguu, irrechi ayyaana tokkummaa, ,jaalalaafi dhiifamaa akka ta'e eerun ayyaanichi karaa nagaatiin akka kabjamuuf akka magaalaatti qophiin barbaachisu taasifameera jedhaniru jechuun OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015