Jillii Ministira Ministeera Fayyaa Dr, Liyaa Taaddasaan durfamu Naannoo Amaaraa Magaalaa Dabaarqitti namoota qe’efi qabeenya isaanirraa buqqa’an daawwatan

67

Finfinnee,Fulbaana 17/ 2014(TOI) -Jillii Ministira Ministeera Fayyaa Dr, Liyaa Taaddasaa durfamu Naannoo Amaaraa Magaalaa Dabaarqitti namoota qe’efi qabeenya isaanirraa buqqa’an daawwatan.

Daawwannaa kanarrattis Ministiira Fayyaa Dr, Liyaa Taaddasaa dabalatee hoggantoota dhaabbilee Itti Waamamtootafi hojjetoota mana hojjiichaa waliin ta’uun Magaalaa Dabaarqitti argamuun namoota qe’eefi qabeenya isaanirra buqqa’an daawwataniiru.

Hoggantoonni kunneen namoota Mana Baruumsaa keessa qubatanii jiranis daawwataniiru. Ministeerichis deeggarsa birrii miiliyoona 1.4 dhaabbataa Tiraansfoormi PHC argameefi akkasumas deeggarsa UNICEFirra birrii kuma 700 argameen taasifameera.

Dr, Liyaa haasaa taasisaniin Ministeerrichi namoota qe’ee isaanirra buqqa’an gara qe’ee isaanitti akka deebi’aanifi akkasumas hojii hojjetama jiru cinaattis weerarrii akka hin uummamnee qorannoo taasifamaa jiraachuus himaniiru.

Dabalatanis Jillii kun hospitaala Dabaarqiittifi Hospitaalaa Kaaba Gondaritti argamuu Hospitaalaa Zaarimaa garee shororkeessa TPLF’n barbadaa’e erga daawwatanii booda dhaabbilee kanaaf deeggarsi barbaachisaan akka taasifamus himamaeera.

Akkasumas Ejansii dhiyeessii qorichaa, damee Gondaar dawwachuun riiformii ejansiichaa keessatti hojjetamaa jiru jajjaabeeffamuu akka qabu himuun,hoggantootaafi hojjettoota Ejansichaas Dr Liyaan galteeffataniiru.

Ministeera Fayyaa irra odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015