Ayyaana Masqalaa hordofee daballiin gatii akka hin uumamneef hojjetamaa jira -Ministeera Daldalaa fi Indaastirii

89

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (TOI)- Ayyaana Masqalaa hordofee daballiin gatii akka hin uumamneef hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii ibseera.

Koreen sadarkaa federaalaatti hundaa’e ayyaana Masqalaa wiixata dhufu kabajamu hordofee qaala’iinsi gatii meeshaalee akka hin uumamneef hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Korechi dhiibbaan qaala’iinsa gatii meeshaalee to’achuuf qaamolee dhimmi isaa ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jirachuu himameera.

Haaluma kanaan dhaabbata Eelfooraa jedhamu waliin akkaataa waliigalteerra ga’ameen Suupparmaarkeetii Quwiinsii gatiin hanqaaquu tokkoo Birrii 6, Foon lukkuu kiiloon 1 Birrii 180 ta’uu himameera.

Dabalataanis waliigalteen dhaabbata Qalmaa Itoophiyaa waliin taasifameen gatiin Foon hoolaa kiiloo Giraama 1 Birrii 210, Foon sangaa kiiloo giraamni 1 Birrii 280n akka gurguramuuf kan murtaa’uu ibsameera.

Kana malees warshaa aannanii Shoolaarraa gatiin baaduu kiiloo giraama 1 Birrii 180n akka gurguramuuf murtaa’uu koreen kun ibseera.

Ji’oota darban keessa sochii daldaltoota shira diinagdee uumuuf taasiisan to’achuuf sochii gaarii taasisuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal himaniiru.

Gatiin meeshaalee garee kanaan dhiyaatu gatii bittaa fayyadamtootaan kan wal fakkaatu ta’uusaa mirkaneeffachuun hojii xiyyeeffannoo barbaduu akka ta’e ragaan ministeericharraa argame ni muul’sa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015