Guyyaan Tuurizimii addunyaa magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira

69

Finfinnee, Fulbaana 14/2014 (TOI)-Guyyaan Tuurizimii Addunyaa 34ffaaf qophiiwwan garagaraatin naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira.

Ayyaanichi mata duree Turizimii guddina hundaa hammateef kan jedhuun kabajama jira.Sirni kabaja ayyaana kana addabaabay Sumudaatti guca ibsuun, baandii Poolisfi Qeexalaa saba Sidamaan dabaalamee kabajamuu eegaleera.

Kabaja ayyana kanarratti Egziviishinii dabalatee naannichatti kan argaman iddoowwan tuuristii daawwachuun akkasumas barreeffamoonni qorannoo garagaraa dhiyaachun mariin ni taasifamaa jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015