Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa kabachiisuuf oppireeshiniin walirraa hin cinnee f gaggeeffamaa jira. Komishiinii Poolisii Oromiyaa

95

Finfinnee, Fulbaana 13/2014 (TOI) – Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa kabachiisuuf oppireeshiniin itti fufiinsa qabu gaggeeffamaa jiraachuu Komishiniin Poolisii Naannoo Oromiya beeksiise.

Miseensonni Shanee karaa gogggoraan socho'aa jiran jidduu kana karaa nagaa qabsaa'uuf mootummaatti kan harka kennate gara uummataatti kan deebi'ee Goollichaa Dheengee fakkenya godhatanii mootummaatti harka akka laatan gargaraan Komishinichi waamicha dhiyeesseera.

Gareen shororkeessaa Shanee iddoolee tokko tokkotti hojii badii raawwachuu itti fufuus sosochiin humna nageenyaa naannichaa ol ta’e kan hin jirre ta’uu Itti aanaa Komishinara fi itti gaafatamaan damee Kominikeeshinii Komishinii Poolisii naannichaa gargaaraan Komishinaraa Geetaachoo Ittichaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT fi shaneen poroopogaandaa sobaa ta'uu kan himan komishinar Geetaachoon, keessayyuu olola sobaa gareen kun miidiyaa hawaasummaan tamsaasuun ummanni burjaaja’uu akka hin qabne hubachiisaniiru.

Waraanaa karaa Kaabaa garee shorkeessaa ABUT biyyarratti baname malees gareen shorkeessaa Shanee naannoo Oromiyaa iddoolee tokko tokkotti sosochii taasiisaa jiraatus bakka tokko tokkoo daandii cufuu, bakka tokko tokko immo to'adhe jedhee suuraa ka'ee achii baqachuu, kan hin boojinee booji'e jedhee olola sobaa tatamsaasuun ala sadarkaa sodaa nageenyaarra kan ga’ee miti jedhan gargaaraan Komishinaraa Geetaachoo Ittichaan.

Komishiniin Poolisii Oromiyaa Poolisii Federaalaa fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun oppireeshiniin garicha barbadeessuu haala itti fufiinsa qabuun gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.

Miseensonni Shanee hedduun gochaa badii dhiisuun harka laachaa jiraachuu himuun, kanneen hafanis karaa nagaan akkuma ajajaa shanee zoonii Kibbaa kan ture Goollicha Dhengee harka akka laatan waamicha dhiyeessaniiru.

Gargaaraan Komishinaraa Geetaachoo Ittichaan Uummata naannoo Oromiyaa fi biyyaa baga ayyaana Irreechaa fi Masqaan isiin gahee. Ayyaa kan milkii kan gammachuu akka ta'uus hawwii qabaan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015