Waggoota sadan darbanitti dhaabileen Fayyaa kuma 1 fi 500 ijaaraman.

72

Finfinnee,Fulbaana 13/2014(TOI) - Itiyoophiyaatti waggoota darban sadiitti dhaabbileen Fayyaa kuma 1 fi 500 ijaaramuu isaa ministirri fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa ibsan.

Dhaabbileen kun birrii biiliyoona 9 tuqaa 4 ijaaraman jedhaniiru.

Hooggantoonni ministeerichaa Finfinneetti, dhaabbilee Fayyaa ijaaraman, ijaarsarra jiranii fi fooyya’insi taasifameef daawwataa jiru.

Doktar Liyaan dhaabbata Fayyaa tajaajilaafis ta’e tajaajilamaaf mijataa ta’ee ijaaruufi hawaasaaf tajaajila sadarkaa isaa eeggate kennuuf hojjetamaa jira jedhan.

Haaluma Kanaan sadarka dhaabbilee fayyaa 157 guddisuuf, 67 haaromsuu fi eegumsa fayyaa kellaa 100 akka ijaaraman eeraniiru.

Raawwiin ijaarsa babali'isuu Hospitaalota Qulqulluu Phaawuloos, Alartii fi Xiqur Ambassaa sadarkaa gaariirra akka jiru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015