Hoggantoonni UNICEF sababaa garee shororkeessaa ABUT'n kanneen qe'ee isaanirra buqqanii jiran haala isaan irra jiran hubachuuf Magaalaa Dasee galan.

67

Finfinnee,Fulbaana 12/2014 (TOI)- Hoggantoonnii dhaabbata mootummoota gamtoomanii UNICEF Waajjira biyya keessaa buqaatota sababaa garee shororkeessaa ABUT'n qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqa'anii Magaalaa Dasee qubatanii jiran haalaa isaan irra jiran hubachuuf Magaalaa Dasee dhaqan.

Itoophiyaatti bakka bu'aa UNICEF Adeel Koodar, ergamaa addaa Biritaaniyaa Nikii Dayaar, waajjira Muummichaa UNICEFtti hogganaa dhimma dhiheessii Itiloovaa Kadiluul fi kanneen biroon magaalicha kannee dhaqan keessa jiru.

Kantiibaan Magaalaa Dasee obbo Ababaa Gabra-masqal lammilee sababaa garee shororkeessaa ABUT'tiin qe'ee isaaniirra buqqa'uun rakkoo hamaa irratti kufan kanneen haala isaan irra jiran arguuf gara magaalaa Dasee dhufuu isaaniif hoggantoota kanneen galateeffataniiru.

Lammileen sababaa shororkeessa kanaan qe'ee isaanirra buqqa'anii jiran kun rakkoo jabaaf saaxilamuu isaanis himaniiru.

Daa'immaan, Dadhabdoota humana hin qabne jaarsoolii fi haadholee rakkoorra jiran kana lubbuu isaanii oolichuuf UNICEF fi dhaabbileen gargaarsa biroon gargaarsa namooma akka taasisan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015