Misiyoonota biyya alaatti Itoophiyaa bakka bu'an bifa haaraan gurmeessuufi. - ENA Afaan Oromoo
Misiyoonota biyya alaatti Itoophiyaa bakka bu'an bifa haaraan gurmeessuufi.

Finfinnee, Fulbaana 04 / 2014 (TOI) - Misiyoonota biyya alaatti Itoophiyaa bakka bu'an bifa haaraan gurmeessuuf hojjetamaa akka jiru Itti aanaa Ministira muummee fi Ministirri dhimma alaa FDRI Obbo Dammaqaa Mokonniin himan.
Obbo Dammaqaa Mokonniin kaleessa leenjii guyyoota 10'f turu kan dippilomaatotaa fi hojjetoota dhaabbilee itti waamamaasa ta'aniif kennamu jalqabsiisaniiru.
Sirna kanarratti haasaa taasisaniin obbo Dammaqaan akka jedhanitti jijjiiramicha hordoofuun ergama Ministeera dhimma alaa karaa gahumsa qabuun raawwachuuf kan dandeesisuu fooyya'insi sirnaa adda addaan taasifamaa turuu himaniiru.
Yeroo ammaas jijjirama kana gara hojiirra oolchutti qophiirra jiraachuu himaniiru.
Leenjichis fooya'insa dhaabbatichaan taasifamerratti hubannoo walfakaataa akka qabatamuuf ni gargaara jedhaniiru.