Tamsaasa Kallatti:

Balaa konkolaataan namoonni 9 yoo du’an kan hafan 6 irra miidhaan qaamaa ga’e

Harar Bitootessa 17/2011 Godina Harargee bahaa aana Haroomayaatti balaa konkolaataa har’a ganama ga’een namoonni 9 yoo du’an kan hafan 6 irra miidhaa qaamaa cimaan ga’uu isaa qajeelchi Poolisii godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan divijinii dhimmoota komunikeeshinii mootummaa qajeelcha Poolisii godinichaa  komaandar Siyyum Dagafaa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf akka ibsanitti, balaan kun kan ga’e har’a ganama konkolaattonni lama walitti bu’uudhaani.

Wucaalee dhaa gara Dirreedawaa deemaa kan ture lakkoofsi gabatee 3-68359  ET kan ta’e konkolaataan fe’iinsaa Dirreedawaa dhaa Qobboo deemaa ture minibaasii  lakkoofsi gabatee 3-65201AA ta’e waliin walitti bu'ee karaan ala boolla keessa buusuun balaan kun  ga’uu danda’eera.

Akka Komaandar Siyyum jedhanitti, balaan kun kan qaqqabe aanichatti  ganda qonnaan bulaa baadiyyaa Dangagoo barsiifataan naannoo Bishaan dildilaa jedhamee waamamutti.

Balaa kanaan konkolaachiftoota konkolaatota lamaanii dabalatee lubbuu namoota sagalii yeruma sana yoo darbu kanneen biroo namoota 6 irratti miidhaan qaamaa cimaan ga’eera.

Namoota miidhaan  irra ga’e Dirreedawaa Hospitaala Corraatti wal’aansi godhamaafii kan jiru ta’uu eeranii, reeffa namoota du’anii maatii fi firoonni isaanii Hospitaalaa fudhachuu isaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015