Magaalaa Jimmaatti rakkoo geejjibaa furuuf hojiin qindoominaan jalqabame bu’a qabeessa

78

Jimma Bitootessa 17/2011 Magaalaa Jimmaatti rakkoo tajaajila geejjibaa furuuf hojiin qindoominaan jalqabame bu’a qabeessa ta’uusaa waajjirri abbaa taayitaa geejjibaa ibse.

Karoorri guyyoota 100 waajjirichi hojiirra oolche qaama ilaallatu waliin qorateera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Rashaad Abbaa Milkii yeroo kana akka dubbatanitti magaalattiitti kenniinsa tajaajila geejjibaa irratti rakkoolee mul’atan hiikuuf karoorri qophaa’e bu’aa argamsiiseera.

Kanumaan seera danbii tiraafiikaa kan darban konkolaachistoota kuma 1 fi 300 ol irratti himanni banameera.

Konkolaachiftoota muraasa adabaman keessaa hanga eeyyamamee ol fe’uu,eeyyama konkolaachisaa sobaa fi eeyyama konkolaachisaa malee oofuu, boolloo malee, lakkoofsa gabatee fi hidhannoo utuu hin hidhatiin oofuun keessatti argamu.

Magaalichatti buufata konkolaataa keessatti hordoffii fi toa’annoo godhameen hanga eeyyamamee ol fe’uuf konkolaattota kessatti kan argaman teessuma jaarikaanii fi mukaa 109 baasuu isaanii itti gaafatamaan kun hubachiisaniiru.

Raawwiin karoorichaa rakkoo ummataa qindoominaan hojjechuun akka salphatu eeraniiru.

Yeroo raawwii hojii kanaa rakkooleen mudatan qaamoleen to’atan iccitii eeguu dhiisuu, rakkoof kakaasuu fi loogiin akka keessatti argaman beeksisaniiru.

Bakka bu’aan bulchiinsa magaalaa Jimmaa fi waajjirri nageenyaa obbo Yaziid Jamaal tajaajila geejjibaa fooyyessuuf qaamonni to’annoo gaggeessan loogii tokko malee itti gaafatamummaa ogummaa isaanii akka ba’anii fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf akka hojjetan gaafataniiru.

Gurmaa’inni nageenyaa hojii darbiinsa seeraa sirreessuu akka diriirfamuuf hojjechuun akka irraa eegamu eeraniiru.

Qajeelcha Poolisii Magaalichaatti itti gaafatamaa diviiziyoona tiraafikaa kan ta’an gargaaraa inispeektaraa Nasruu Maccaa fayyadamtoonni tajaajila geejjibaa kan hadheeffatan  arrabsoo, ifachuu fi loogii hambisuuf hojjechuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Qaamonni to’attootaa fi humni nageenyaa hojii darbiinsa seeraa sirreessu diriirsuun akka isaan irraa eegamu dubbataniiru.

Qaamota Badii  raawwatanii fi borus raawwachuu danda'an adda baasuun tarkaanfiin akka irratti fudhatamu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015