Jiddugalli leenjii loltummaa Awaash Arbaa loltoota leenjii bu'uuraan leenjisaa ture eebbise. - ENA Afaan Oromoo
Jiddugalli leenjii loltummaa Awaash Arbaa loltoota leenjii bu'uuraan leenjisaa ture eebbise.

Finfinnee, Qaammee 04/2013 (TOI) - Jiddugalli leenjii loltummaa Awaash Arbaa loltoota leenjii bu'uuraan leenjisaa ture eebbise.
Eebbifamtoonni Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dubbises turtii leenjii isaanii keessaatti leenjii gahaa loltummaf isaan gargaaru argachuu isaanii himaniru.
Leenjii argatan kanaanis Itoophiyaa diiguuf keessaa fi alaan humnoota hojjetaan kamiyyuu qolachuuf qophii ta'uu himaniiru.
Garee shororkeessaa ABUT Itoophiyaan diiga jedhus haga dhumaatti dhabamisiisuuf gahee keenya ni baana jedhaniiru.
Sirna eebba loltootaa kanarratti hogganaa itti aanaa misooma humna nama humna lafarra Mejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan dabalatee hoggantoonni biroon argamaniiru.