Giddugalli Leenjii Birshalaqoo marsaa 34ffaaf leenjitoota leenjii waraanaa fudhataa turan eebbisiise

176

Finfinnee, Qaammee 2/2013 (TOI) – Giddugalli Leenjii Loltummaa Birshalaqoo leenjitoota waraanaa marsaa 34ffaaf tooftaa waraanaa garagaraan leenjisaa ture eebbisiiseera.

Sirna eebbaa kanarratti Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa fi Hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisaa argamaniiru.

Giddugalli Leenjii Koontiinjantii Waraanaa Huursoos guyyaa lama dura leenjitoota leenjii tooftaa waraanaa fudhatan hedduu eebbisiisuun kan yaadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015