Itoophiyaa fi Keeniyaan hojii damee turiizimii Afriikaa Bahaa guddisuuf waliin hojjechuu qabujedhame.

48

Finfinnee, Hagayya 22/2013(TOI)- Itoophiyaa fi Keeniyaan hajii damee turiizimii Afriikaa Bahaa guddisuu fi baay’ina daawwattootaa dabaluuf waliin hojjechuun akka isaan irraa eegamu ibsame.

Dhaabbanni daawwachiisaa turiizimii Keeniyaa, bakka bu’oota waldaa michuu fi sabquunnamtii Keeniyaa bakkeewwan turiizimii Itoophiyaa daawwataa jiru.

Kaayyoon daawwannichaa Itoophiyaatti bakka hawwata turiizimii daawwachuun dhimmoota yeroo itti aanutti hojjetanirratti mari’achuufi.

Daayiraktarri olaanaa turiizimii Itoophiyaa obbo Silashii Girmaa bakka hawwata turiizimii Itoophiyaan qabdu jiila daawwannaarra jiruuf ibsaniiru.

Itoophiyaan eeggannoo kooviid -19'f godhamu hordofuun Turiizimii fi konfiransiif qophoofteetti.

Hoteelonni, bakki ga’umsa turiizimii fi bakkeewwan walitti dhufeenya turiizimii qaban adda taasifameera.

Mootummaan Itoophiyaa paarkii tokkummaa dabalatee hawwata turiizimii jajjabaa misoomsaa akka jirus eeraniiru.

Itoophiyaa fi Keeniyaan hawwata turiizimii qaban waliin misoomsuun Afriikaa Bahaatti daawwata turiizimii dabaluuf hojjechuu akka qaban ibsuun, gama kanaan Itoophiyaan qophii ta’uu dubbataniiru.

Pirezidaantiin waldaa michuu Keeniyaa Itoophiyaa pirofeesar Yonaataan Kahaaraa gama isaaniin Itoophiyaa fi Keeniyaan qabeenya turiizimii isaanii waliin fayyadamuun barbaachisaa dha jedhan.

Daawwattoonni Keeniyaa daawwatan gara Itoophiyaa akka dhufan taasisuun turtii daawwannaa dheeressuun Afriikaa Bahaatti sochii turiizimii dabaluuf waliin hojjechuu akka barbaadan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015