Komiishinaroonni mana amala sirreesaa Federaalaa fi naannoolee yaa'ii waloo taa'a jiru.

69

Finfinnee, Hgayya 21/2013(TOI)- Komiishinaroonni mana amala sirreesaa Federaalaa fi naannoolee yaa'ii waloo taa'a jiru.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos yaa'ii kanarratti akka dubbatanitti, yeroo ammaa haalli qabinsa mirga namooma sirreeffamtootaa haala foyyee qaburra kan jiru ta'uus dhaabbidhaan caalaatti akka foya'uuf garuu ciminaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Manneen amalaa sirreessa bakka leenjii fi barnoota ta'aa jiraachuu isaanii mana amala sirreessaa baatuurra agarreerra kan jedhan abbaan alangaa walii galaa dr. Geediyoon, muuxxannoo kana cimsuun manni amala sirree bakka barnootaa fi oomishaa akka ta'u hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dr Geediyoon Ximootiyoos Komishiinoroonnii Yaadaa fi ilaalcha wal fakkataa akka qabaatan, haalii qabanna sirreeffamtootaa gubba hanga gadiitti fooyyaa'uu akka qabu fi Manni amala sirreessa iddoo leenjii , barnootaa fi Ogummaa garaa garaa itti gonfatmau akkaa ta'uuf qabaa jedhan.

Komiisheenera Komiishiinii Federaalaa Mana Amala sirreessaa Federaalaa Komishiinera Daammanaa Darootaa eegii jijjiiramii biyyatti dhufuu jalqabee mana amala Sirreessaa keessaattii lammiileen biyyaatti akka armaan duraa dararaa fi ukkamsuun hafee mirgi lammilee akka kabajamuun hojiin jalqabamte wana jajjabeeffamuu qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015