Tamsaasa Kallatti:

Naannoon Saboota,Sablammootaafi Ummatootaa Kibbaa sangoota kuma 2 fi 87 akkasumas hoolaa fi re’oota 500 Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiseera.

Finfinnee, Hagayya 21/2013(TOI) - Naannoon Saboota,Sablammootaafi Ummatootaa Kibbaa sangoota kuma 2 fi 87 akkasumas hoolaa fi re’oota 500 Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiseera.

Itti aanaan Pireezidaantii Naannoo Saboota,Sablammootaafi Ummatootaa Kibbaa obbo Taasfaayee Yigaazuu akka himanitti, deeggarsi Naannoon Saboota,Sablammootaafi Ummatootaa Kibbaa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisaa jiru diinoota keenyaaf deebii tokko ta’uu keenya kan agarsiisedha jedhaniiru.

Naannichi kanaan dura waliigalaan deegarsa miiliyoona 113 kan taasisee yoo ta'u amma immoo yeroo sadaffaaf birrii miiliyoona 200 deeggarsa taasiseera jedhaniiru.

Deggarsii kunis caalaatti jabaatee kan itti fufu ta'uu himaniiru.Walitti qabaan karee gargaarsa naannoolee dr. Tamasgeen Burqaa akka jedhanitti deeggarsi ummanni raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisaa jiru baay'e cimaa fi kan nama ajaabsiisudha jedhaniiru.

Walaitti qabaa olaanaan koree gargaarsaa Raayyaa Ittisa biyyaaf taasifamuu Birgaader jeneraal Asiraat Ayaalowu deeggarsa naannichi taasisee kanaaf galateeffatanii, deeggarsi ummaanni Itoophiyaa raayyaan Ittisa biyyaa gochaa shororkeessaa ABUT akka qolatuuf gochaa jiru raayyichaaf haamlee guddaa ta'eera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015