Tamsaasa Kallatti:

Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa lammilee qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'an magaalaa Dabaariq jiran gargaare.

Finfinnee, Hagayya 21/2013 (TOI) - Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa lammilee sababaa garee shororkeessaa ABUT'n qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'anii magaalaa Dabaariq jiran gargaare.

Hogganaan waajjira damee Gondor Kaabaa waldichaa obbo Atalaal Taarraqeny deeggarsi taasifames nyaata madaalawaa daa'immanii fi haadholii akkasumas meeshaalee qulqullinaati jedhaniiru.

Deeggarsi taasifame kunis buqaatota magaalaa kana jiran waliin yoo ilaalamu gahaa akka hin taane himuun torbanoota dhufaan keessa waldaa fannoo diimaa addunyaa waliin ta'uun deeggarsa barbaachisu caalaatti taasisuuf qophaa'u himaniiru.

Waajjirri fannoo diimaa Itoophiyaa deeggarsa dabalataa taasisuuf adeemsarra kan jiru ta'uu himuun, buqqaatota kuma 15 Gondor Kaabaa jiran keessaa harka 50 gargaaruuf qophiin taasifamaa jiraachuu obbo Ataalal himaniiru.

Waldichi haga ammaatti lammilee kuma 2 ta'an yeroo lammaffaaf deeggarsa taasisuu himaniiru.

Buqqaatoonni magaalaa Dabaariq jiran Aanaalee Addi arqaay, Xallamti fi Maayixabir irraa buqqa'anidha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015