Waamicha Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Waamicha Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Tibbana dargaggoonni murna shororkeessaa ABO Shaneetti makamanii gammoojjiifi bosona keessa socho’aa turan dogongora seenaa sochii baandummaafi gantummaa murnichaa keessatti hirmaachuutti gaabbanii deebi’uu eegaluu isaanii ibsinee turre.
Dargaggoonni shira dhokataa murna shororkeessaa ABO shanee osoo hin hubatin waliin socho’aa turan gaabbanii deebi’uun mootummaatti harka kennachuun sirrii ta’uunis hubatameera.
Murni badii ABO Shanee kun waliigaltee dhokataa karaa warra qondaaltota murnichaa ofiin jedhaniitiin TPLF/Juntaa waliin qabaachaa tures amma ifa baafateera.
Dargaggoonni shira dhokataa ture osoo hin beekin murna kanatti makamanii socho’aa turan humna diigumsa biyyaafi walfixiinsa ummataarratti karoorfatee hojjechaa jiru kana ganuudhaan gara ummata isaaniitti deebi’uurratti argamu.
Mootummaan naannoo Oromiyaa nama hojii badii murna shororkeessaa kanaa hubate kamiifuu ammas gaabbuufi deebi’uuf yeroon kan hin dabarre ta’uu irra deebiin yaadachiisuu barbaada.
Dargaggoonni murna kana gantanii karaa nagaa harka kennachuu barbaaddan dhiibbaa keessaafi alaa kamiifuu osoo hin jilbeenfatin qaamolee nageenyaafi mootummaa naannawaa keessanitti argamanitti akka harka kennattaniifi ummatatti akka makamtan waamicha dabarsina.
Kanuma faana, tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa kabachiisuu gantootaafi shororkeessitoota ABO Shaneefi TPLF/Juntaarratti fudhatamaa jiru cimee kan itti fufuufi awwaalcha isaanii kan ariifachiisu ta’uu ibsina.
Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa
Hagayya 2013
Finfinnee