Lammiileen kootdivaar 2 Doolaara Ameerikaa maxxansinee sinii kennina jechuun yakka gowwomsuu raawwataan to'ataman.

47

Finfinnee,Hagayya 15/2013(TOI) Doolaara Ameerikaa maxxansinee isinii kennina jechuun yakka gowwomsuu osoo raawwataa jiranii lammiileen kootidiivaar 2 Finfinneetti to’annoo jala oolaniiru.

Lammiileen lamaan kun magaalaa Finfinneetti kutaa magaalaa Qirqoositti bakka Filaamiingoo jedhamutti to’atamuu isaanii humni waliinii nageenyaa ibsa kenneen beeksiseera.

Lammiileen kootdivaar Ziya Sheyezik fi Awu Maarii jedhaman lamaan nama dhuunfaa tokko qofarraa birrii kuma 260 fudhachuun doolaara Ameerikaa isa sobaa hojjetanii kennuuf walii galuun gocha burjaajessuu harkaa fi harkatti osoo raawwataa jiranii argaman to’atamuu isaanii ibsa Kanaan eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015