Humni eegdoota Rippabilikaanii diinarratti tarkanfii cimaa fudhachaa jira jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Humni eegdoota Rippabilikaanii diinarratti tarkanfii cimaa fudhachaa jira jedhame.
Finfinnee,Hagayya 05/2013- Humni eegdoota Rippabilikaanii qaamolee nageenya biroo waliin ta’uun diinarratti tarkanfii cimaa fudhachaa jira jedhame.
Adeemsa kanaanis miseensonni garee shororkeessaa ABUT hedduun dhabamsiifamaniiru.
Haaluma kanaan miseensonni garee shororkeessaa ABUT 35 yoo booji’aman,kanneen booji’aman keessaa waggaa 18 gadi kan ta’an da’imman 20 fi 15 immoo umriin isaanii waggaa 18-25 gidduutti akka argamanidha jedhameera.
Hoogganaan duulaa ajaja Bahaa Koloneel Guddataa Ofga’aa garee shororkeessaa ABUT karaa naannoo Affaarin dhufe humna eegdoota Rippabilikaanii akkasumas garee duula addaa waliin ta’uun barbada’uu himaniiru.
Ummanni Itiyoophiyaas olola sobaa gareen kun afarsuun nahuu hin qabus jechuu isaanii Raayyaan Ittisa biyyaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti barreessera.