Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii maaraatoonii Chaayinaatti adeemsifame irratti mo’atan

77

Finfinnee Bitootessa 16/2011 Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii maaraatoonii wushii kaleessa Chaayinaatti adeemsifameen koorniyaa lamaanniiuu milkaa’aniiru.

Atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa qabachuun olaantummaan xumuraniiru.

Atileetota dubaraan Tsahaayi Gabree sa’a 2, daqiiqaa 28 fi sakondii 6tti galuun yeroo mo’attu, waggoota lama dura Atileetii Itiyoophiyaa biroo Ayyaluu Abbabaatiin qabxii bakka kanaa kanaan dura qabamee ture daqiiqaa tokkoo fi sakondii 11’n fooyyessiteetti.

Atileet Tsahaayi fageenya kanaan sa’a filatamaa dhuunfaa qabdu daqiiqaa 4 fi sakondii 51’n fooyyessiteetti.

Waggaa darbe maaraatoonii Chaayinaa kunmiingii irratti injiifannoo ishee erga galmeessiftee booda kaleessa injiifannoo lammataan milkoofteetti.

``Yeroo ammaa dhaabbii gaariirran jira, karoora dorgommicha dura qabuun sa’aatii dhuunfaa koo fooyyessuu ta’us daqiiqaa 4 caalaa nan fooyyessa jedhee hin eegne ture`` jechuun yaada dorgommicha booda kenniteen ibsiteetti.

`` Dorgommicharratti riqichoota baay’ee ce’uun kan fiigne, bakkisaa olka’insa waan qabuuf hamma ta’e rakkisaa ture`` kan jette Atileetiin kun, haalli qileensaa garuu gaarii akka ta’e ibsiteetti.

Atileeti Baqqaluu Bajjii sa’a 2, daqiiqaa 28 fi sakondii 21’n 2ffaa, Mootuu Magarsaa sa’a 2, daqiiqaa 30 fi sakondii 46n 3ffaa yoo baatu atileetonni lamaanuu sa’aatii filatamaa dhuunfaa isaanii galmeessisaniiru.

Atileetota dhiiraatiin Asnaaqee Dubree sa’a 2, daqiiqaa 10 fi sakondii 21’n mo’achuurra yyuu dabalataan sa’aatii filatamaa dhuunfaa isaan galmeesssiseera.

Atileetii Baalewu Yihunillihi sakondii tokko boodatti hafuun sa’a 2, daqiiqaa 10fi sakondii 22 galmeessisuun 2ffaa ba’eera. Sa’aatii filatamaa dhuunfaa isaas galmeessiseera.

Yeroo jalqabaaf dorgommii maaraatoonii irratti kan hirmaate Atileeti Birhaanuu Hayyee sa’a 2, daqiiqaa 10 fi sakondii 25’n 3ffaa ba’eera.

Maaraatooniin Wuushii waldaa Federeeshinoota Addunyaatti dorgommii sadarkaa Nahaasaa itti kennamedha.

Karaa biroo dorgommii Xaaliyaaniitti adeemsifameen maaraatoonii Istaarmiilaanoo walakkaadhaan Atileetii Itiyoophiyaa dubaraan Masarat Malaakaa sa’a 1, daqiiqaa 10 fi sakondii 39’n 2ffaa baateetti.

Atileetiin Keeniyaa Piriiskaa Jeepitoo sa’a 1, daqiiqaa 8 fi sakondii 26’n yeroo mo’attu, Atileet Luusii Muriigii sa’a 1, daqiiqaa 11 fi sakondii 47’n 3ffaa baateetti.

Dhiiraan Atileetonni Keeniyaa Vinsenti, Jaariyes Biriichi  Kiipichogee fi Poolii Tiiyoon Jiiki sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa qabachuun olaantummaan xumuraniiru.

Dorgommiin walakkaa maaraatoonii Istaarmiilaanoo barana adeemsifame yeroo 44ffaa dhaafi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015