Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi balaaleffannaa garee ABUT godina Harargee Bahaatti gaggeeffamaa jira

61

Finfinnee, Hagayya 5/2013 (TOI)- Hiriirri deeggarsa Raayyaa ittisa biyyaa fi balaaleffannaa Garee ABUT Godina Harargee Bahaatti gaggeeffamaa jira.

Hiriirri Aanaalee godinichaa 20 fi bulchiinsa magaalotaa 4 keessaatti gaggeeffama kan jitu.

Hirmaattoonni hiriirichaa birmadummaa biyya keenyaa eegsisuuf yoomiiyyuu tokkummaan ni dhaabbanna, Raayyaan ittisa biyyaa gaachana keenya, ABUT diina keenya jechuun sagalee isaanii dhageessisaa jiruu.

Kanamalees, birmadummaa biyya keenyaa eegsisuuf yoomiiyyuu duubatti hin deebinu, biyyi keenyas hin diigamtu humna, dandeettiifi waan qabnuun biyya keenyaaf ni dhaabbanna jechuun dhaadhannoo isaanii dhageessisaa jiru hirmaattonni hiriirichaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015