Biiroon dhimma Dubartoota, Daaa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaa raayyaa ittisa biyyaaf Birrii miiliyoona 12.8 deeggarsa taasise.

Finfinnee,Hagayya 4/2013(TOI) Biiroon dhimma Dubartoota Daa’immanii fi Dargaggoota naannoo Oromiyaa raayyaa ittisa biyyaaf Birrii miiliyoona 12.8 deeggarsa waantoota add addaa fi maallaqaa taasise.

Deeggarsicha itti gaafatamtuun biirichaa aadde Sa’aadaa Usmaan ministira deetaa raayyaa ittisaa biyya dame hooggansa hojii faayinaansii aadde Maartaa Luwiijiitti kennaniiru.

Aadde Sa’aadaan akka jedhanitti naannichi raayyaa ittisa biyyaa bira dhaabbachuun garee shororkeessaa ABUT fi ergamtoota isaa duguuguun biyya balaarraa ittisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Aadde Maartaan gama isaaniin dubartoonni deeggarsa gochuurra darbee waqtii olaantummaa seeraa kabachiisuurratti ga’ee olaanaa ba’aa turuu isaanii yaadachuun deeggarsa taasifameef galateeffachuu isaanii odeeffannoon fuula midiyaa hawaasaa raayyaa ittisa biyyaarraa argame ni argisiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015