Yuunivarsiitiin Jimmaa fi Waachaamoo baratoota barnoota gosa adda addaa barsiisaa ture kuma 7 ol eebbisan. - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiin Jimmaa fi Waachaamoo baratoota barnoota gosa adda addaa barsiisaa ture kuma 7 ol eebbisan.

Finfinnee, Hagayyaa 01/2013(TOI) - Yuunivarsiitiin Jimmaa fi Waachaamoo baratoota barnoota gosa adda addaan barsiisaa turan kuma 7 ol eebbisan.
Yuunivarsiitiin jirramaa bartoota barnoota digirii jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaan barsiisaa ture kuma 3 fi 868 eebbiseera.
Yuunivarsiitiin Waachaamoo immoo mooraa gidduugaleessaa fi Waraabeetti kanneen digirii jalqabaa fi lammaffaan barsiisaa ture kuma 3 fio 200 ol eebbiseera.
Sirna eebbaa baratootaa Yuunivarsiitiwwan kanneenii irratti hoggantoonnii mootummaa, Keessummoonni waamichi taasifameefi maatiin eebbifamtoota argamuusaanii Ripoortaroonnii Tajaajila Oduu Itoophiyaa Jimmaa fi Hosaanatti argaman gabaasaniiru.